Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 214 olitti tilmaamaman to’ataman
Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 214 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.
Eebla 27, 2015 hanga Caamsaa 3, 2015tti meeshaaleen adda addaa karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 174.9 baasuu fi gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 39.6 baasu dameewwan gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.
Uffataalee, Boba’aa, Horiin Dhaabbii, Meeshaaleen Elektirooniksii, meeshaaleen waraanaa, Faayaa, Jimaa, Baalli Sammuu Hadoochu, Zayinni nyaataa fi Maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu komishinichi ibseera.
Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumrukaa Hawaasaa, Mooyaalee fi Dirre Dhawaatti hedduminaan to’atamuu ibsameera.
Dhimmicha waliin walqabatee shakkamtoonni 13 fi konkolaattoonni 6 to’atamuun qoratamaa jiraachuu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.