Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 195 to’atamuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 95tti shallagaman to’atamuu Komishiniin Gumruukaa ibse.

Komishinichi hordoffii Guraandhala 17-23,2015tti gaggeesseen meeshaalee kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 29 akkasumas meeshaalee Kontiroobaandii al-ergii Birrii miiliyoona 66.8tti tilmaamaman to’achuu ibseera.

Meeshaaleen kunneenis uffata, boba’aa, beelladoota dhaabbii, meeshaalee elektironiksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eerameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasaan to’atamuu ibsameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 9 akkasumas konkolaattonni 9 to’atamuus ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.