Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 129 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 29 fi kuma dhibba 1 fi kuma 52 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumuruukaa beeksise.

Hordoffii tibba darbe taasifameen  meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 102.8tti tilmaamanii fi meeshaaleen al ergii Birrii miiliyoona 26.2tti shallagaman to’atamuu komishinuichi beeksiseera.

Meeshaaleen koontiroobaandii to’ataman kunneen uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektrooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaale waraanaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataa fi mallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eerameera.

Meeshaleen kontiroobaandii kunneen tattaaffii hojjettoonni komishinichaa, poolisii federaalaa, qaamolee nageenyaa naannolee fi hawaasaan to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.