Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 106 olitti tilmaamamu to’atame
Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 6 fi kuma dhibba 1 olitti tilmaamamu to’atamuu komishiniin Gumrukaa beeksiise.
Hordoffii torbee darbe keessa taasiifameen meeshaaleen alaa galuuf ture Birrii miiliyoona 92.8 fi kan alatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 13.3tti tilmaamamu dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibsameera.
Meeshaaleen kunneen Dameewwan Gumrukaa Dirree Dawaa, Aqaaqii fi Jigjigaatti to’atamuu ibsameera.
Uffataaleen, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, meeshaaleen faayaa, meeshaaleen waraanaa, baalli sammuu adoochu fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu Ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.