Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 800 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 800 olitti tilmaamaman to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi hordoffii Mudde 18-25, 2016’tti taasiseen meeshaalee kontirobanii galii Birrii miiliyoona 404 olitti tilmaamamanii fi meeshaalee daldala alaa Birrii miiliyoona 398 .9tti tilamaamaman dameewwan gumurukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffannaa, meeshalee elektirooniksii, buna, qorichoota, meeshaalee faayaa, Jimaa, baala sammuu hadoochu, qaamolee jijjiirraa konkolaattotaa, Zayiita nyaata fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.