Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 72 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) – Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 72 olitti tilmaamamu too’atame.

Guyyoota 6 darbanitti meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 72 olitti tilmaamamu buufatalee sakkattoo gumuruukaa garagaraarratti too’atameera.

Meeshaaleen kontirobaandii too’atamaan kunneen buufatalee sakkattoo gumuruukaa Jigjigaa, Dirree Dawaa, Harar, Moyyaalee, Adaamaa, Baahir Daar, Humaraa, Mojoo, Finfinnee, Awaash, Jimmaa fi kanneen birootidha.

Meeshaaleen too’ataman keessa konkolaataa, qorichoota qulqullinni isaanii hin eegamne, haguuggii fuulaa, meeshaalee nyaataa fi dhugaatii, jijjiira konkolaataa, Buna qasharame, uffata, elektrooniksii, rasaasa garagaraa, shiishaa fa’i.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.