Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 558 olitti tilmaamamu to’atame
Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 558 .2’tti tilmaamamu to’atamuu Koomiishiiniin Gumruuka beeksise.
Koomiishinichi hordoffii Hagayya 5-11, 2015’tti taasiiseen meeshaalee alaa galan Birrii miiliyoona 523 .1’tti tilmaamamanii fi meeshaalee daldalaa alaa Birrii miiliyoona 35’tti tilmaamaman to’annoo jala oolfamuu ibseera.
Meeshaaleen to’anno jala oolfamaniis, uffanaalee, boba’aa, beeyladoota, meeshaalee elektirooniksii, Buna, qorichoota, konkolaattoota ,meeshaalee bareedina, meeshaalee waraanaa , Jimaa, baala sammuu hadoochu, zaayita nyaataa fi mallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.