Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 343 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 343 olitti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi hordoffii Onkololeessaa 16-22, 2016’tti taasiseen meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 223, kontirobaandii ba’ii Birri miiliyoona 120.2, walumaaa galatti meeshaalee Birrii miiliyoona 343.3 waajjiraalee damee isaa garagaraatti to’achuu eereera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffannaalee, boba’aa, beeyladoota dhaabbii, elektirooniksii, Buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee faayaa, meeshalee waraanaa, jimaa, baala sammuu hadoochu, Zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.