Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 275tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 275tti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.
 
Komishinichi Guraandhala 1-7, 2016’tti to’annoo fi hordoffii taasiseen meeshaaleen kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 188.5 fi daldala alaa Birri miiliyoona 87.1 waliigalaan Meeshaalee Kontiroobaandii Birrii miiliyoonaa 275.6’tti tilmaamamu waajjiraalee dameewwaniitti to’annoo jala oolfamuu ibsameera.
 
Meeshaleen to’atamanis Uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii fi waraanaa, buna, Jimaa, Qorichaalee, meeshalee faayaa, baalaa sammuu hadoochu, meeshalee jijjiirraa qaama konkolaataa, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.