Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 247 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 247.8’tti tilmaamaman to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi hordoffii Waxabajii 7-13, 2016’tti taasiseen meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 233.4 fi meeshaalee kontirobaandii daldalaa alaa Birrii miiliyoona 14’tti tilmaamamu to’achuu beeksiseera.

Meeshaaleen kunneenis uffannaalee, boba’aa, elektirooniksii, buna, qorichaalee, meeshaalee faayaa, jimaa, balaa sammuu hadoochu, qaamolee jijiirraa konkolaataa, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.