Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontirobaandii Birri miiliyoona 389’tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 389’tti tilmaamaman to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi hordoffii Adoolessaa 7-13, 2015 taasiseen meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 187 fi meeshaalee daldala alaa Birrii miiliyoona 201 walumaagalatti meeshaalee kontirobaandii Birrii miiliyoona 389 ol waajjiraalee damee gumurukaa garaagaraatti to’atamuu eereera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffaannaalee, boba’aa, beeyladoota, elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee faayaa, meeshaalee waranaa, jimaa, baala sammuu hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Namoonni meeshalee kontirobaandii kanneen daddabarsuun shakkaman 10 fi konkolaattonni 10 to’annoo jala oolfamuunis eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.