Meeshaalee seeraa qabeessa da’eeffachuun meeshaleen elektorooniksii seeraan ala biyya keessa galuuf turan to’ataman
Finfinnee, Mudde 24, 2015(FBC)- Waajjira Damee Gumurukaa Mojootti meeshaalee seera qabeessaa da’eeffachuun qaama kompiwuutara keessa kompiwuutaroota laaptooppii 100, hardi diskiiwwanii fi meeshaleen elektirooniksii biroon to’atamaniiru.
Ittaanaan Hoji Gaggeessaa Waajjiraa Damechaa Obbo Farajaa Attaalaay, kompiitaroonni galii kunneen qaama kompiitaraa biroo keessaa laaptooppiiwwan haaraa fi meeshalee elektirooniksi biroo dhoksuun seeraan ala biyya keessa galfamuuf kan turan laaptooppiiwwan 100 to’annoo jala oolfamuu himaniiru.
Bu’aa sakatta’iinsaan argameen meeshalee sanadarratti hineeramiin meeshalee qaraxaa fi taaksii Birri miiliyoona 3.2 olii qaban ta’uun eerameera.
Gochi daldala waliin dhahuu yakka nama gaafachiisuu waan ta’eef dhimmicha keessa kan harka qaba jedhamee namni tokko to’annoo jala oolfamee qorannoon gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, meeshaan to’atamees akka dhaalamuu murteen darbuu ibsaniru.
Baatiiwwan shanan darban, sirna gumurukaa xumuranii daddabarsaa bilisaaf ergaa gadi lakkifamaniin booda, seeraa kabajuu fichisiistotaa mirkaneessuuf hordoffii fi to’annoo taasifameen baasii mootummaan baasuuf ture tilmaama qaraxaa fi taaksii Birrii miiliyoona 320 ol baraaruun akka danda’ame dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.