Meenuun Nyaataa Dhaabbilee barnoota olaanoo walfakkaataa akka ta’u murtaa’e
Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Meenuun Nyaataa Dhaabbilee barnoota olaanoo walfakkaataa akka ta’u murtaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ogeeyyiin Dhaabbilee Barnoota Olaanoo garaagaraarraa walitti dhufan Meenuun nyaataa walitti dhiyaataa akka ta’u hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Qorannoo gatii nyaataa yeroo ammaa Ministeerri Barnootaa gaggeesseerratti hundaa’uun Baajanni Nyaataa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo kan Guyyaa Birrii 100 akka ta’u taasiifamuu himeera.
Fooyyessa taasiifame bu’uura taasisuun Meenuun Nyaataa Dhaabbilee hundaa walfakkaataa akka ta’u hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Tilmaama baajata haaraan Yuunivarsiitiwwan lakkoofsa barataa qabaniin Baajanni kan kennamuuf ta’uu Ministeera Barnootaatti Hojii Raawwachiisaan Bulchiinsaa fi Bu’uuraa misoomaa Dooktar Salamoon Abrahaan himaniiru.
#Oromia #Ethiopia