Fana: At a Speed of Life!

Matakkalitti lamiilee nagaa kan ajjeessan ergamtoota ABUT 16 irratti tarkaanfiin fudhatame – Poolisii

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) –Naannoo Beenishaanguul Gumuuz Godina Matakkalitti guyyaa kaleessaa Awutoobisii qaxxaamura biyyaa dhaabuun namoota nagaa kan ajjeessan shiftoota ergama badii ABUT raawwatan 16 ajjeesuu poolisiin naannichaa beeksise

Humnoonni badii guyyaa kaleessaa Awutoobisii Wanbaraa irraa gara Balas imalaa ture aanaa Bulaanii fi Dibaaxee gidduutti bakka Qiiddoo jedhamutti dhaabuun miidhaa qaqaabsiisuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaa beeksiseera.

Miidhaa qaqqabeen lubbuun namoota yoo darbu, bulchaa aanaa Dibaaxxeerra miidhaan ga’eera.

Komishinarri Poolisii naannichaa Abdul’aziim Mahaammad TOIf akka ibsanitti sochii qindoominaa Raayyaa Ittisa Biyyaam Poolisii Federaalaa, humna addaa naannichaa fi qaamoleen nageenyaa taasisaniin du’a lammiilee nagaaf sababa kan ta’an humnoota badii ABUT 16 irratti tarkanfiin fudhatameera.

Wayita ammaa naannichatti hojiin tasgabbii uumuu hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.