Fana: At a Speed of Life!

Mata duree ‘Jijjiirrama Ityoophiyaa nan dhinqisiiffadha, na deeggara’ jedhuun magaalota Boolee fi Yakkaatti duulli qulqullinaa gaggeeffamera

Finfinnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC)- Mata duree ‘Jijjiirrama Ityoophiyaa nan dhinqisiiffadha, nan deeggara’ jedhuun magaalota Boolee fi Yakkaatti duulli qulqullinaa gaggeeffamera.

Duulli qulqullinaa kun magaalota Boolee fi Yakkaatti har’a ganamaa sa’aatii 12:30tti gaggeeffameera.

Kuta magaalaa Yakkaatti duulli qulqullinicha mata duree ‘dhalootaaf biyyaa ijjaarramtee malee diigamtee hi dabarsiinu’ jedhuun Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad fi hoggansa jijjiirramaa waliin dhaabbachuun jijjiirrama Ityoophiyaa gara fuladuraatti itti fufsiisuuf deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

Haaluma wal fakkatuun kutaa magaalaa Booleettis mata duree ‘jijjiirrama biyyaa koo na dinqisiifadha, Abiy ha hoogganu, hundi keenya hoggansaa jijjiirrama cina jirraa fi Fulbaana 30 booda Onkolooleessa 1’ jechuu hirirrii deeggarsa Dooktar Abiy Ahimadiif gaggeeffama jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.