Fana: At a Speed of Life!

Masaraa mootummaa Suulxaana Aliimiraa Hanfiree haaressuun Seenaa Afaar irraa deebiin haaressuudha jedhan-Awwal Arbaa

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Masaraa mootummaa Suulxaana Aliimiiraa Hanfiree haaressuun Seenaa Afaar irra deebiin haaressuudha jechuun Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan dubbatan.

Sagantaan kitaaba “Dhaloota Idaa’amuu” beeksisuu fi eebbisuu Magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obboo Awwal Arbaa, Afyaa’ii Mana Maree Naannichaa Asiyaa Kaamiil, qondaaltota olaanoo naannichaa, abbootii qabeenyaa fi kutaaleen hawaasaa biroon argamaniiru.

Sagantichaanis galiin Birrii miiliyoonni 160 ol walitti qabamuun ibsameera.

Gurgurtaa kitaabichaarraa galii walitti qabamus Magaalaa Asaayittaatti kan argamu Masaraa Mootummaa Sulxaana Aliimiiraa Hanfiree haaressuu fi ijaarsaa isaaf kan oolfamu ta’uu TOI gabaaseera.

Masaraa Mootummaa Suulxaanaa Aliimiraa Hanfiree haaressuun seenaa Afaar irraa deebiin haaressuudha kan jedhan Obbo Awwal Arbaan, waa’ee alaabaa Ityoophiyaa ”Nu’iin miti Gaalonni keenyallee ni beeku” jechuun yaadachiisaniiru.

Masaaraan mootummaa haareffamus naannawicha caalmaan tuuristootaaf banaa taasisuu fi qabeenyaalee tuuriizimii biroo misoomsuuf daandii kan saaqu ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.