Marsariitiin seerota taaksii fi qaraxaa 300 ol argachuuf gargaaru ifoome
Finfinnee, Mudde 2, 2017 (FMC)- Marsariitiin seerota taaksii fi qaraxaa 300 ol salphaatti argachuuf gargaaru Ministeera Maallaqaan ifoomeera.
Seeronni kunneen Afaanota Amaaraa fi Ingiliziin kan qophaa’an ta’uun ibsameera.
Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeeraa Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi, kanaan dura seerota taaksii fi qaraxaa hawaasa kaffaltoota gibiraan ga’uuf rakkisaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Kunis gali biyyattiin taaksii fi qaraxarraa argatturratti dhiibbaa uumaa turuu himanii, sirni oonlaayinii kun diriiruun, lammiileen seerota kanneen salphaatti akka argatan taasisuu fi sirni taaksii iftoomina akka qabaatuu fi haqa qabeessa taasisuuf kan tumsuudha jedhameera.
Galii sirnaan walitti qabuun guddina diinagdee biyyaaf gahee olaanaa kan bahatu ta’uu dubbataniiru.
Dabalataan sadarkaa Idil Addunyaattis salphaatti argachuun waan danda’amuuf invastaroonni alaa Itiyophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf kan dandeessisuudha jedhameera.
Seerota kanneenis karaa www.mofed.gov.et argachuun akka danda’mu himameera.
Saamu’eel Warqaayyoo fi Siisaay Geetinnatitu gabaase
#Oromia #Ethiopia