Fana: At a Speed of Life!

Marsariitii hawaasummaa sirnaan yoo hin fayyadamne Birrii kuma 50 fi hidha waggaa 5 adabsiisa

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC)- Marsariitii hawaasummaa sirnaan yoo hin fayyadamne Birrii kuma 50 fi hidha waggaa 5 akka dabsiisu ibsame.

Daayreektooreetiin Barnoota Hubanna Seeraa haatii alangaa Yesawzar Abbaaba, itti fayyaadama marsariitii hawaasummaa ilaalchisee daangaa seeraan ka’aaman osoo hin darbiin kayyoo kayyeeffameef qofaaf akka itti fayyadamuumu ibsaniiru.

Labsiin Marsariitii hawaasummaa hojiiwwan hin barabaachifnerra olchuu, odeeffaannowwan jibbiinsaa fi sobaa tamsaasu dhorkuu ba’ee hojiirra akka oole beeksisaniru.

Labsiichaan kan hammatamee hasaawaa jibbiinsaa broodkaastiingiin, maxxansaan ykn miidiyaa hawaasaan kan dabarsee adabbii Birrii kuma 100 fi hidha waggaan 2 akka adabsiisu ibsaniiru.

Sababa hasaawaa jibbiinsaa darbeen nama dhuunfaa ykn gareerratti dhiibbaan yoo qaqqabeera ta’ee yeroon adabbiicha gara waggaa 5tti ol siquu danda’aa jedhaniiru.

Akkasumas broodkaastiingidhan odeeffaannowwan sobaa addabaabaayirratti, miidiyaa hawaasan akkasumaas suuraadhan, barreeffamaa fi viidiyoo fayyadamuun kan tamsaase hidha waggaa 1 ykn ammoo Birrii kuma 50 adabsiisu akka danda’u himaniiru.

Dabalataniis miidiyaan hawaasaa hordooftoota kuma 5 ol qabuun odeeffannichi yoo tamsa’ee fi miidhaa qaqqabsiise hidha wagga 2 hanga 5 akka adabsiisu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.