Fana: At a Speed of Life!

Marsaa jalqabaan hidhattoota duraanii kuma 75 deebisanii dandamachiisuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessoodha-Obbo Geetaachoo Raddaa

Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)-Marsaa jalqabaan hidhattoota duraanii kuma 75 deebisanii dandamachiisuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessoodha jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan.

Sagantaan leenjii haaromsaa fi hidhattoota duraanii naannichaa dandamachiisuu Yuunivarsiitii Maqaleetti eegaleera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Dhimma Alaa fi Walitti Qabaan Boordii Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammmoojii Dooktar Abrahaam Balaay, Daayrektara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaddar Reedwaan Huseen, Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Jeneraal Tsaadiqaan Gabretinsaa’ee, Koomishinara Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilaahuun dabalatee qondaaltonni federaalaa, naannichaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Saganticharratti Obbo Geetaacho Raddaan akka jedhanitti, Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa fi Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay, hojii deebisanii dandamachiisuu fi hidhannoo hiikkachiisuu cinaatti nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Tigraay giddugaleeffachuu gaggeeffamaa jira.

Hidhattoonni duraanii Naannoo Tigraay, leenjii haaromsaa fudhachuu fi deebisanii dandamachiisuun gaggeeffamaa akka jiru kaasanii, hojiin gaggeeffamaa jiru kunis jajjabeessa ta’uu dubbataniiru.

Hojiileen qindoominaan hojjetamaa jiran kunneenis bu’aalee gaggaarii galmeessaa jiraachuu eeruun, buqqaatota gara qe’ee isaaniitti hojiin deebisuu hojmanee fuulduree ta’uu himuu TOI gabaaseera.

Yeroo ammaas marsaa jalqabaan hidhattoota duraanii kuma 75 leenjii haaromsaa kennuu fi deebisanii dandamachiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa gaarii ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.