Markaatootti gabaan haala tasgabbii qabuun gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 2, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinnee naannawaa Markaatootti qabeenyi daldaltoota dhaalamuufi, Suuqiwwan cufamuuf jedhamuun burjaajiin garagaraa miidiyaalee hawaasummaan ololfamaa jiraachuu eerameera.
Burjaajiin kun eessaa akka dhufe baruuf Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet hojii qulqulleessuu hojjeteen; Daldaltoonni nagahee qofaan akka hojjetan taasiifamuu hordofee burjaajii uumame ta’uu hubatameera.
Magaalichatti daldaltoota hojii seeraan alaa hojjetaa jiran tokko tokko seera qabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Kominikeeshinii Biiroo Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee Sawunnat Ayyalaan dubbataniiru.
Haaluma kanaan daldaltoonni hundi bittaa fi gurgurtaa gaggeessaan Nagaheen akka raawwatan mariin hedduun taasiifamuun waliigalteerra gahamuu kaasaniiru.
Yaa ta’uutii adeemsa kana cinaatti dhiisuun hojiilee sirna daldalaa seera qabeessa ta’e diriirsuuf hojjetamaa jiru gufachiisuuf qaamoleen tokko tokko qabeenya dhoksuu dabalatee Suuqii cufaa jiraachuu eerameera.
Bu’uuruma kanaan Oomishtoonni, Raabsitoonnii fi daldaltoonni qinxaaboo nagahee malee bittaa fi gurgurtaa raawwachuun yakka ta’uu hubachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasummaan ‘Daldaltoonni Markaatoo sodaan Suuqii cufan, sochiin daldalaa dhaabbachuun daandiin dirree taphaa ta’eera’ jechuun tatamsa’aa jiru olola sobaa ta’uu eeruun, Markaatootti adeemsi gabaa bifa tasgabbii qabuun gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
Daldaltoonni Nagahee fayyadamuu dheeffuuf qabeenya dhoksan fi suuqii cufan yoo jiraatan sirrii akka hin taane hubachiisaniiru.
Hojiin daldala seeraan alaa seera qabsiisuu kan itti fufu ta’uu eeruun, Hawaasni hojmaata bittaa fi gurgurtaa nagahee malee raawwatamu waayita argan karaa lakkoofsa bilbilaa 7075 eeruu akka kennan gaafataniiru.
Yohaannis Darriboowutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia