Fana: At a Speed of Life!

Mariin walta’iinsa diinagdee Hindii fi Ityoophiyaarratti xiyyeeffatee gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Hindii gidduu walta’iinsa dinagdee jiruu fi hariiroo gam-lameenii caalmaan cimsuuf kan dandeessisuu Hindii Niwudeelhiitti mari’atameera.

Ministirri Ministeeraa Indaastirii Obbo Malaakuu Allibalii fi Ministira Indaastirii fi Daldalaa Hindii Anuupiiriyaa Paateel gidduutti marichi gaggeeffameera.

Ministirri Indaastirii fi Daldalaa Hindii Anuupiiriyaa Paateel haasawaa taasisaniin, mariin Obbo Malaakuu waliin taasisan biyyoota lameen gidduu walta’iinsa dinagdee jiruu fi hariiroo gam-lameenii caalmaan cimsuuf kan dandeessisuudha jedhaniiru.

Obbo Malaakuu Allibal, walga’ii michumaa guddina Afriikaa fi Baankii Egzim 17ffaa irratti hirmaachuuf Niwdeelhii galuu isaanii ragaan Embaasii Ityoophiyaa Hindiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.