Fana: At a Speed of Life!

Mariin Waloo Mootummaa Naannolee Oromiyaafi Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Mariin Waloo Mootummaa Naannolee Oromiyaafi Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaatti bakka Pireezidaantoonni naannolee lameenii argamanitti gaggeeffameera.

Naannoleen lameen daangaa kiloomeetra kuma 1 fi 800 dheeratu kan waliin qooddatan ta’uufi gama Oromiyaatiin Godinaalee 7’n kan daangoofte ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fikaaduu Tasammaan himaniiru.

Uummattoonni Oromoofi Somaalee uummata aadaa seenaa waliin qooddachuun barootaaf waliin jiraatan ta’uu ibsameera.

Obbolummaa cimsuuf hooggansi waliin karoorsuufi uummata hirmaachisuu akka qabu, daangaa naannoolee lameenii dangessuu keessatti rakkoo mudatu hooggansi walga’uun akka hiikuufi Piroojektiin qindaa’aa naannolee cimsuun barbaachisaa ta’uu irratti kallattiin taa’uu eeraniiru.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Jigjigaatti Mana Barumsaa Ifa Boru ijaaruun ebbisiisuu obbo Fiqaaduun yaadachiisaniiru.

Torbee dhufuu jalqabee hooggansi hooggansaa waliin uummatni uummataa waliin akka walitti dhufuufi misoommarratti hirmaatuu kan taasifamu ta’uu kaasaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Somaalee Obbo Mahaammad Shaallaan, kanaan dura waltajjiin rakkoolee turan waaraan furuuf akkasumas hariiroo uummata lameenii cimsuun irratti xiyyeeffate magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamuu yaadachiisaniiru.

Mariin kanaanis hoggansi naannolee lameen walii galuun rakkolee ture furuun, kana boodas kan mudatu yoo ta’e mariin hiikuun akka danda’amu waliigallee jirra jechuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.