Fana: At a Speed of Life!

 Mariin Tokkummaa adeemsa duula birmadummaa keessatti argame Badhaadhina hundagaleessa Ityoophiyaaf oolchuuf dandeessisu gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Hoggantoonni hojii mootummaa Federaalaa olaanoon haala waqtaawaa biyyarratti guyyaa mari’ata jiru.

Mootummaan dirqamaan kan itti seenee waraanaa birmadummaa boqonnaa jalqabaa injifannoo xumuruu hordofee, injifannoon hunda galeessaan argamee eeguun nageenyaa waaraa gara misoomaatti ceesisuurratti kan xiyyeeffatee mariin gaggeeffameera.

Injifannoo argamee hordoofee qormaatilee  siyaasaan, diinagdee, namoomaa fi nageenyaa dhufuu danda’aan dandeettiin furuu fi sirnaan hogganuun xiyyeeffannoo walqixaa ni argatu jedhameera.

Tokkummaan biyyoolessaa adeemsa waraanaa birmaddummaa keessaatti argamee muuxannoo gurmaa’insaan hojjechuu, kayyoo tokkoof waloon hojjechuu, murannoo hirmaannaa hunda galeessaa hoggansaa, badhaadhinaa hunda galeessaa Ityoophiyaa bifa eeguuf danda’amuurratti hoggansi olaanaa gadi fageenyaan ni mari’atan eegama.

Marichi walitti fufuunsa guyyoota sadiif kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.