Mariin Sosochii ‘Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu “ Magaalaa Asallaatti gaggeeffame
Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC)- Mariin hubannoo uumuu sosochii “Itiyoophiyaan haa Oomishtuu” Godina Arsii Magaalaa Asallaatti gaggeeffameera.
Marichi bakka Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadir, Kantibaan Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayeefi qooda fudhattoonni biroon argamanitti gaggeeffameera.
Naannichatti Teekinooloojiin akka babal’atu, Carraan hojii akka umaamu, rakkoon sharafa biyya Alaa akka furamuu, Oomishalee Alaa galan kan biyyaa keessaan bakka buusuu fi Oomisha Al ergee caalmaatti guddisuun Guddina Diinagdee Ariifachiisaa fiduuf xiyyeffannaan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Dameen Indaastirii bu’a qabeessa akka ta’uuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Obbo Ahimad Idiriis dubbachuu ragaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia