Mariin sadeenii Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa Gamtaa Afrikaan akka ilaalamuu murtaa’e
Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC)- Manni Maree Nageenyaa mariin sadeenii hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa Gamtaa Afrikaan akka ilaalamuu murteesseera.
Gibtsi sababoota garagaraa falmiif dhiyeessiteetti.
Eejjennoon Ityoophiyaa fayyadamummaa haqaa fi waliin misoomuu kan bu’uura godhateedha.
Ityoophiyaan biyyoota yaa’a gadirraa jiran irratti miidhaa guddaa kan hin qaqqabsiifne ta’u irra deddebite himtuus Gibtsii fi Sudaan dhimmicha dhimma nageenyaa idil addunyaa godhaniiru jedhame.
Dhimmichi mana maree nageenyaatti akka ilaalamu mormii ture kan dhageeffate Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii mariin Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa Gamtaa Afrikaatti akka ilaalamu murtoo dabarseera.
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.