Fana: At a Speed of Life!

Mariin rakkoolee fi furmaatawwan oomishtoota zayitaa biyya keessaarratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Mariin rakkoolee fi furmaatawwan oomishtoota zayitaa biyya keessaarratti xiyyeeffate gaggeeffame.

Maricha kan qopheessee Faanaa Broodkaastiing Koorporeet yoo ta’u dhaabbileen biyya keessatti zayita oomishanii fi dhaabbileen mootummaa oomisha zayitaa waliin hidhata qaban argamaniiru.

Ityoophiyaa keessa warshaaleen zayita calaluun oomishuu danda’an 30 jiraachuu fi dandeettii isaanii guutuun osoo oomishanii fedhii biyya keessaa %90 uwwisuu kan danda’an ta’uu marichaan ibsameera.

Haa ta’u malee sababa garaagaraarraan kan ka’e yeroo ammaa %40 qofa oomishaa jiraachuu ka’eera.

Warshaaleen oomisha zayitaa Fiibiilaa fi Riich Laand rakkoolee dhiyeesii maallaqaa, addaan ciccituu humna elektirikaa fi hanqina galteen walqabatee dandeettii isaanii guutuun oomishuu kan hin dandeenye ta’uu eerameera.

Oomishaaleen akka meeshaa dheedhiitti fedhii biyya keessaa osoo hin uwwisiin gara biyya alaatti ergamaa jiraachuu ibsameera.

Zayitii hin calalamne alarraa galchuuf waggaatti hanga Doolaara biiliyoona 1 kan barbaachisu ta’uu bakka bu’aan Ministeera Indaastirii waltajjichaan kaasaniiru.

Oomishaalee midhaan zayitaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuun, rakkoon dhiyeessii humna elektirikaa, cancalli sonaa jabaachuu dhabuu fi haalonni idil addunyaa akka rakkootti ka’aniiru.

Gabaa biyya keessaatti hanqinni oomisha zayitii mudachuu irraan kan ka’e hawaasni dararamuun isaa kan beekamudha.

Daballii gatii tasgabbeessuuf mootummaan tibbana oomisha zayitaa liitira miiliyoona 12 ol gara biyyaa galchuun raabsaa jiraachuu ibsuun isaa ni yaadatama.

Gaaffii hedduun kan irratti ka’e Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa maricharratti hirmaachuuf bakka bu’aa kan ergu ta’uu beeksisus bakka bu’aan maricharratti hin argamne.

Afawarq Iyyaayyuu fi Hayilayyasuus Siyyumtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.