Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gujii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)- Sirna Walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Oromoo Gujii 75ffaa boru gaggeeffamu sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffamee jira.
 
Walta’iinsa Yuunivarsiitii Bulee Horaa fi Inistitiyuutii Qo’annoo Gadaafi Aadaatiin kan qophaa’e waltajjichi mata duree “Walbira qabiinsa Sirna Gadaa Oromoo fi Dimokiraasii Warra Lixaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.
 
Ragaalee galmee seenaa, mirga dubartootaa eegsisuu fi nageenya ijaaruu irratti waraqaan qorannoo waltajjicharratti dhiyaachuun irratti mar’atameera.
 
Maricharrattis abbootii gadaa, hoggantootni biiroo aadaa fi turiizimii, qorattootni aadaa yuunivarsiitii garaagaraa akkasumas dhaabbileen qorannoo hirmaataniiru.
 
Hawwii Fiqaaduutu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.