Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii Injifannoo Adwaa 127ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Mariin Paanaalii Biyyaalessaa Injifannoo Adwaa 127ffaan Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Injifannoon Adwaa 127ffaan mata duree” Adwaa: Tokkummaa, Gootummaafi Jabina” jedhuun qophiilee garaagaraan kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Marii paanaalii kanarratti Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaayiifi Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaafi hoggantoonni olaanoon mootummaa akkasumas hayyoonni seenaa argamuu eerameera.

Injifannoon Adwaa Ityoophiyaarra darbee fakkeenya bilisummaa Afrikaanotaa ta’uu Hogganaan Giddugala Qorannoofi Qo’annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Yittaayyaal Galaawu ibsaniiru.

Injifannicha hordofee Afrikaanonni qabsoo farra bittaa gabrummaa taasisuu isaaniif ka’umsa leenjii loltummaa ta’uus eeraniiru.
Injifannichi Ityoophiyaanota bara kanaaf xiin-sammuu injifannoo hidhachiisuu kaasaniiru.

Ityoophiyaanonni kallattii arfan biyyattiirraa gara Adwaatti duuluun diina injifachuun biyya isaanii kabachiisuu yaadachiisuun, nuti loltoonni bara kanaafi Ityoophiyaanonni biroon Ityoophiyaa badhaateefi cimtuu hundeessuutu nurra jira jedhan.

Marichaan matadureewwan waraana Adwaafi seenaa loltootaa akkasumas Adwaa bu’uura bilisummaafi injifannoo uummata gurraachaa boonse jedhan irratti waraqaaleen qorannoo kan dhiyaatan ta’uu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.