Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii “Imala Ida’amuu” Magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Mariin Paanaalii “Imala Ida’amuu” mata duree “Duudhaan Ida’amuu Egeree Fooyya’aaf” jedhuun Naannoo Ummattoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii marichaarratti, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministira Waamamaa Olaanaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee, Pireezidantii Ittaanaa Naannichaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoo dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Waltajjiiwwan marii Imala Ida’amuu kitaabilee ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mata duree “Ida’amuu”, “Daandii Ida’amuu” fi “Dhaloota Ida’amuu” jedhuun barreessan kan bu’uureffatan ta’uun ibsameera.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.