Fana: At a Speed of Life!

Mariin nageenyaa qaamolee haqaa hirmaachisee waajjirra Caffee Oromiyaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Mariin nageenyaa qaamolee haqaa hirmaachisee waajjirra Caffee Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Mariin nageenyaa qaamolee haqaa hirmaachise kun, rakkoo nageenyaa goodinaalee Oromiyaa keessatti qindoomina garee shoroorkeessaa ABUT fi Shaneetiin mudachaa jiru furuudhaaf qaamolee haqaa hundi waloon hojjechuun  rakkoo bulchiinsa gaarii fi guufachiisaa jijjiramaa kan ta’ee garee badii kana haala ittiin maqsuu danda’aamurattii mari’atamaa jira.

Rakkoo nageenyaa goodinaalee Oromiyaa keessatti mudataa jiru furuudhaaf hojii nagaa fi tasgabbii buusuu hojjetamaa jiaatuus sababa qaamoleen haqaa fi hawaasni qindoominaan hojjechaa hin jirreef rakkoon nageenyaa kun furmaata kan hin arganne ta’uu,

komiishinarri komishinii poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan ibsaniiru.

Dabalataanis keessumaa rakkicha furuuf,  rakkoo waliin qorachurraa jalqabee hanga tarkaanfii fudhachutti qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun hojii xiyyeeffannoo barbaabaadudha jedhaniiru.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.