Fana: At a Speed of Life!

Mariin nageenyaa marsaa lammaffaaf Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame – TKM

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Mariin nageenyaa marsaa lammaffaaf mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Nageenyii fi tasgabbiin misoomaa f

Mariin nageenyaa marsaa lammaffaaf Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame – TKM

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Mariin nageenyaa marsaa lammaffaaf mootummaa Itiyoophiyaa fi Shanee gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Nageenyii fi tasgabbiin misoomaa fi Badhaadhina biyya tokkoof bu’uura ta’uu ibseera.

Garaagarummaa karaa qaroomina qabuun mariifi walhubannaan furuun alatti nagaan argamu kan hin jirre ta’uu ibseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa dirree siyaasaa babal’isuun paartiilee sagantaa siyaasaa addaa qaban waliin aangoo qoddachuu isaa himeera.

Qaamolee hidhannoo kaasuun heera mootummaa humnaan diiguuf socha’an waliinis nagaa buusuuf jecha marii gaggeessuuf tattaaffii taasiisaa turuu ibseera.

Mootummaan qaama heera mootummaa fi birmadummaa biyyattii fudhachuuf qophii ta’e kamuu waliin rakkoolee jiru mariin furuuf tattaaffii kan taasiisu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.

Kun akkuma jirutti ta’ee qaama hidhannoon heera mootummaa diiguuf socho’u waliin maqaa marii jedhuun sossobuun balaa biyya diiguu akka ta’eetti kan amanu ta’uu ibseera.

Yaa ta’uutii Mootummaan walitti bu’iinsa dirqamee seene dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuun biyya tiksuuf dirqama heera mootummaan itti laatame kan ba’u ta’uu himeera.

Haaluma kanaan garee Shororkeessaa shanee naannoo Oromiyaa iddoolee tokko tokko keessa socho’uun ummatarra miidhaa qaqqabsiisaa jiru waliin mariin baatiwwan dura Taanzaanitti taasiifamaa ture waliigaltee malee xumuramuun kan yaadatamu ta’uu ibseera.

Torbee lamaan darbes garicha waliin mariin marsaa 2ffaaf gaggeeffamaa turuu ibseera.

Yaa ta’uutii garichi qabxii gara waliigalteetti fidu dhiyyeessuu kan hin dandeenye ta’uu himeera.

Maricharratti gareen shororkeessaa kun gaaffii Oromoofi sabaafi sab-lammoonni waggoota 60’n dura kaasaa turan deebii argate hunda kaaseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa fedhii biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuu fi kennaa uumamaa biyyattii gara qabeenya qabatamaatti jijjiiruuf qabuuf jecha daandii dheeraa imaluuf yaaluu beeksiseera.

Yaa ta’uutii garichi dhiiga lammiileen dandaluu filachuu isaa himeera.

Ejjennoon mootummaan nageenyaf qabu akkuma jirutti ta’ee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

i Badhaadhina biyya tokkoof bu’uura ta’uu ibseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa dirree siyaasaa babal’isuun paartiilee sagantaa siyaasaa addaa qaban waliin aangoo qoddachuu isaa himeera.

Qaamolee hidhannoo kaasuun heera mootummaa humnaan diiguuf socha’an waliinis nagaa buusuuf jecha marii gaggeessuuf tattaaffii taasiisaa turuu ibseera.

Mootummaan qaama heera mootummaa fi birmadummaa biyyattii fudhachuuf qophii ta’e kamuu waliin rakkoolee jiru mariin furuuf tattaaffii kan taasiisu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.

Kun akkuma jirutti ta’ee qaama hidhannoon heera mootummaa diiguuf socho’u waliin maqaa marii jedhuun sossobuun balaa biyya diiguu akka ta’eetti kan amanu ta’uu ibseera.

Yaa ta’uutii Mootummaan walitti bu’iinsa dirqamee seene dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuun biyya tiksuuf dirqama heera mootummaan itti laatame kan ba’u ta’uu himeera.

Haaluma kanaan garee Shororkeessaa shanee naannoo Oromiyaa iddoolee tokko tokko keessa socho’uun ummatarra miidhaa qaqqabsiisaa jiru waliin mariin baatiwwan dura Taanzaanitti taasiifamaa ture waliigaltee malee xumuramuun kan yaadatamu ta’uu ibseera.

Torbee lamaan darbes garicha waliin mariin marsaa 2ffaaf gaggeeffamaa turuu ibseera.

Yaa ta’uutii garichi qabxii gara waliigalteetti fidu dhiyyeessuu kan hin dandeenye ta’uu himeera.

Mootummaan Itiyoophiyaa fedhii biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuu fi kennaa uumamaa biyyattii gara qabeenya qabatamaatti jijjiiruuf qabuuf jecha daandii dheeraa imaluuf yaaluu beeksiseera.

Yaa ta’uutii garichi dhiiga lammiileen dandaluu filachuu isaa himeera.

Ejjennoon mootummaan nageenyaf qabu akkuma jirutti ta’ee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu eereera.

Gabaasni guutuu qindaa’aa jira…

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.