Fana: At a Speed of Life!

Mariin jilli faayinaansii Ityoophiyaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbataa Maallaqaa addunyaa waliin taasisaa ture xumurame

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)- Jilli Faayinaansii Ityoophiyaa, Baankii Addunyaa fi Dhaabbtaa Maallaqaa Addunyaa waliin torban tokkoof mariin taasisaa ture xumurameera.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Ahimad Shidee, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Maammoo Mihiratuun durfamaa ture, daayrektarootaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa waliin mariin gaggeessaa turan xumurameera.

Mariin gaggeeffames deeggarsa namoomaa fi misoomaa Ityoophiyaa barbaachisuun argachuuf ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.