Fana: At a Speed of Life!

Mariin Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa milkiin xumurame

Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC) – Mariisisummaa Pireezidaantii Turkii Reesiip Xaayiib Erdohaaniin Ankaaraatti gaggeeffamaa kan ture mariin Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa milkiin xumurame.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Ummanni Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa ummata aadaa, Afaanii fi dhiigaan walitti hidhaman ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma irratti Somaaliyaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu himaniiru.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan karra galaanaa karaa nagaan argachuuf taasiiftu guddina diinagdee fi walitti hidhamiinsa naannawichaaf faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Mootummaa fi ummata Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf Somaaliyaan murannoo qabaachuu Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad ibsaniiru.

Loltoonni Itiyoophiyaa nageenya Somaaliyaaf wareegamni kaffalan yoomiyyuu kan hin dagatamne ta ‘uu himuun,yeroo itti aanus nageenya waaressuuf murannoon jiraachuu kaasaniiru.

Sanadni waliigaltee biyyoonni lamaan mallatteessaan tumsa waloo, guddina misooma diinagdee fi badhaadhina kan mirkaneessu ta’uu Pireezidaanti Riisiip Xaayib Erdohaan ibsaniiru.

Wandasan Araggaanyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.