Fana: At a Speed of Life!

Mariin invastimantii Abbootii qabeenyaa Paakistaanii fi Magaalaa Shaggar gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)-Waltajjiin Mariin invastimantii Abbootii qabeenyaa Paakistaanii fi Magaalaa Shaggar gaggeeffameera.

Maricharratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar fi Abbootiin Qabeenyaa Paakistaan argamaniiru.

Maricharratti carraaleen invastimantii Naannoo Oromiyaa fi Magaalaa Shaggar dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Biyyoonni lamaan michummaa bara dheeraa qabaachuu kan himan Paakistaanitti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Jamaal Bakar, walitti dhufeenya kana gara daldalaa fi invastimantiitti jijjiiruun barbaachisaa tahuu himaniiru.

Keessattuu Naannoon Oromiyaa bal’inaa fi naannoo tarsiimaawaa tahuun abbootii qabeenyaa Paakistaan fayyadamoo taasisuu danda’a jedhaniiru.

Magaalaan Shaggaris yeroo gabaabaa keessatti hundeeffamee abbootii qabeenyaa Paakistaaniin keessummeessuun isaa kan jalqabaafi seena qabeessa taasisa jedhaniiru.

Bakka Bu’aan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Ahmad Gisheen gama isaaniitiin Naannoon Oromiyaa carraa invastimantii bal’aa qabdi jedhanii mootummaan naannichaa abbootii qabeenyaa alaa simachuuf hojilee hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar.Tashoomaa Addunyaa waliingahiinsi invastimantii biyyatti olaanaa tahuu fi kana keessaa Oromiyaan gahee caalu kan qooddattu tahuu himaniiru.

Naannichatti invastimantiiwwan kuma 20 ol jiraachuu himuun Magaalaan Shaggarimmoo qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.

Magaalattiin magaalaa diinagdeefi guddina saffisaarra jirtu ta’uu kan kaasan DooktarTashoomaan, abbootiin qabeenyaa Paakistaan carraa kanatti akka fayyadamanif waamicha dhiyeessaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.