Fana: At a Speed of Life!

Mariin hunda injifataa taasiisa – Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 24, 2016 (FBC) – Mariin hunda injifataa taasiisa jedhan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Waraana keessa jiraannerra, rakkoolee muraasa ittiin furreera, warraaksa irra deebineera, rakkoolee muraasa ittii furreera,
Rakkoolee daandii lamaaniinuu hin furamne hiikuuf kan nu hafu marii qofa.
Marii garuu itti hin fayyadamne, waraannii fi warraaksi moo’aa fi moo’amaa adda hin baasu, yoo tures kan moo’ame injifachuuf qabsaa’a, kan moo’ates injifannoo isaa kabachiisuuf qabsaa’a.
Mariin garuu hunda injifataa taasiisa, yoo injifatamnes hundi keenya biyya keenyaaf jecha injifatamna.
Adeemsi marii kun wantoota 3 argamsiisa:-
1. Hunda ta’uu baatus wantoota ijoo ta’an ni hiika,
2. Waraanarra mariin akka aadeffamu taasiisa,
3.Humnoota faallaa ta’an waliitti dhiyeessa.
Walitti dhiyeenya kana fayyadamuun gara fuulduraa dhimmoota garaagarteen jirurratti mariin akka itti fufuuf dandeessisa.
Carraan kun osoo hin fashalaa’iin injifannoo guutuutti akka ceenu waamicha koon dhiyeessa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.