Fana: At a Speed of Life!

Mariin Hidha Haaroomsaa Guddichaa karaa sirrii ta’een hooggansa Gamtaa Afrikaatiin akka itti fufuu Ityoophiyaan yaadachifte-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC)- Ambaasaaddarri Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin hojiiwwan diippiloomaasii Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa torbe laataniiru.
Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaaniitiin, naannoo Tigraayitti deeggarsii namoomaa taasifaamaa jiru cimee itti fufuu ibsaniiru.
Preezdantiin FDRI Saahilwarq Zawdee torbee kana keessa Demokiraatik Rippabilik Koongoo daawwachuusaanii kaasuun, biyyi Rippaabilika Demokiraatawa Koongoo hoggantummaa Gamtaa Afrikaa waan fudhatuuf dhimma hidha haaromsaarratti waliigaltee biyyoota yaa’aa gadii faana taasifamu milkeessuurratti hojii hojjetamuu qaburratti ibsa laataniiru.
Preezdaanttittin daawwannaa isaanitiin dhimma marii hidhichaa karaa sirrii ta’een hoggantummaa Gamtaa Afrikaatiin akka itti fufuu yaadachiisuusaaniit kan himame.
Ambaasaaddarichi duraa teessuun Gamtaa Afrikaa Afrikaan kibbaa hidhicha ilaachisee akkata qabiinsarratti galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.