Fana: At a Speed of Life!

Mariin Hidha Haaromsaa Ameerikaatti kaleessa eegalame har’as itti fufuun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Mariin Hidha Haaromsaa Ameerikaatti kaleessa eegalame har’as itti fufuun gaggeeffamaa jira.
 
Walga’iin ministiroota Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts kaleessa Ameerikaa, Waashiingitanitti eegalameera.
 
Waltajjichaan guutinsa bishaanii fi bulchiinsa yeroo gogiinsaarratti mari’atamaa jira.
 
Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan taajjabdummaa minitira Maallaqaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaatin mari’achaa jiru.
 
Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawii fi ministira Ministeera Bishaan, jallisii fi Inarjii Dooktar Silashii Baqqalaatin duurfamu walga’icharratti hirmaachaa jira.
 
Biyyoonni sadan dhimma hidhichaarratti mari’achuuf torbee darbe Sudaan Kaartuumitti walga’uun isaanii ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.