Fana: At a Speed of Life!

Mariin Hariiroo naannolee Oromiyaa fi Somaalee cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Mariin Hariiroo waloo naannolee Oromiyaa fi Somaalee cimsuurratti xiyyeeffate magaalaa Dirre Dawaatti gaggeeffamaa jira.

Jilli Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi kan Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammadiin durfamu har’a Dirre Dawaa galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Jilichi Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa dabalatee Itti Gaafatamaa  Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa, Obbo Fiqaaduu Tasammaa fi kanneen biroo kan of keessattj hammate ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Jilichi yeroo ammaa dhimmoota hariiroo waloo caalmaatti cimsuu danda’urratti marii taasiisaa jiraachuu eerameera.

#Oromia#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.