Fana: At a Speed of Life!

Mariin hariiroo Ityoophiyaa fi Bootsiwaanaa cimsuuf xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Bootsiwaanaan hariiroo dippilomaasummaa yeroo dheera qaban daran cimsuuf mariin xiyyeeffate gaggeeffameera.

Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Muktaar Kadiir, Ministeera Dhimma Alaa Bootsiwaanaatti Daayrektara Dhimmoota Afrikaa fi Giddugala Bahaa Puule Mipotwee waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Wayita marichaatti Ambaasaaddar Muktar akka jedhanitti, hariiroon biyyoota lameenii walitti hidhamiinsa daldalaa naannawaa fi qabeenyaalee jiran fayyadamuuf dhimmootaa dandeessisan bal’inaan kaasaniiru.

Keessumaa Ityoophiyaan fayyadamummaa misooma qabeenya beeyladaa fi albuudaa irratti muuxannoo Bootsiwaanaa qooddachuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Biyyoota lameen dameewwan hundaan fayyadamtoota taasisuuf waliigalteewwan mallatteessan gamaaggamuu akka qaban ibsameera.

Puulee Mipootwee gama isaaniin, Bootsiwaanaan indaastirii gogaa fi bu’aalee gogaa akkasumaas muuxannoo hortiikaalcharii qooddachuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Hariroo dippiloomaasummaa biyyoonni lameen qaban daran cimsuuf akka hojjetamu ibsuu ragaan Piriitooriyaatti Embaasii Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

Kana milkeessuufis walga’iin koree waloo ministirootaa dhiyeenyatti haala gaggeeffamurratti gama lameenuun qophiin barbaachisaan akka taasifamuus kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.