Mariin Gumii Balal mata duree ‘Boqonnaa Haaraa fi Ijaarsa sirna sabdaneessaa’ jedhuun gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Mariin Gumii Balal mata duree ‘Boqonnaa Haaraa fi Ijaarsa sirna sabdaneessaa’ jedhuun Waajjira Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hayyoota hirmaachisuun gaggeeffamaa jira.
Ityoophiyaan kan ijaaramte tokkummaa sabaa fi sablammoota uummattoota Ityoophiyaatiin waan taheef tokkummaa jiru kana ammoo gara diinagdeetti jijjiiruun biyya diinagdeen badhaate ijaaruun yeroon isaa ammaa jedhan Hayyoonni Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa fi Yuunivarsitii Finfinnee.
Hayyoonni kunneen kana kan jedhan marii Gumii Balal marsaa 17ffaa Qopheessummaa Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhihaate irratti.
Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Barsiisaan sirna Federaaliizimii Obbo Baqqalaa Lammii, Ityoophiyaan garaagarummaa ishee akka miidhaginaatti fudhachuun humna jabaa fi waloo qabdu kana guddina biyyaa fi siyaas diinadgeef yoo itti gargaaramte dhugumattuu biyya cimtuu ijaarrachuu dandeenyaa jedhaniiru.
Biyya waliin qabnu keessatti walqixa itti fayyadamuu fi walqixa keessatti kabajamuuf addaa addummaa keenya roga gaariin ilaallee hariiroo obbolummaa sabootaa fi sablammoota gidduu jiru cimsuun biyya waliin qabnu waliin ceesisuutu nurraa eegamas jedhaniiru Hayyoonni kunneen.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.