Fana: At a Speed of Life!

Mariin dhimma riifoormii damee loojastiiksiirratti xiyyeeffatu gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Mariin dhimma riifoormii damee loojastiiksiirratti xiyyeeffatu gaggeeffame.
 
Waltajjii marichaa kan qopheesse Waajjira Muummee Ministiraati.
 
Marichi damee dhuunfaa jajjabeessuuf kan xiyyeeffatedha.
 
Rakkoolee damichaa furuuf mootummaan tarsiimoo loojastiiksii biyyoolessaa qopheessuun hojjechaa jira jedhaniiru ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas.
 
Daayreektarri Abbaa Taayitaa Dhimmoota Maariitaayimii obbo Abarraa Makoonnan sirni loojastiiksii kanaan duraa jajjabeessaa hin turre jedhan.
 
Gara damee indaastiriitti akka guddatu hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
 
Oofiisarri olaanaan Dhaabbata Tajaajila Geejiba Galaanaa fi Loojastiiksii obbo Roobaa Magarsaan dameen dhuunfaa dabalaa dhufuu isaatin deeggaramuu qaba jedhan.
 
Waltajjiin marichaa haala mijeessummaa Baankii Addunyaatti speeshaaliistii damee dhuunfaa Faantuu Faariisin gaggeeffameera.
 
Yuunvarsiitii Finfinneerraa Dooktar Maatewoos Hinsarmuu fi preezdaantiin Hawaasa Loojastiiksii aadde Eelsaabeex Geetaahuunis mari’attummaadhan dhiyaataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.