Fana: At a Speed of Life!

Mariin damee teleekoom caasessuurratti informaashin teeknooloojii fi kalaqtotta hojii damichaa waliin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC)  – Mariin damee teleekoom caasessuurratti informaashin teeknooloojii fi kalaqtotta hojii damichaa waliin gaggeeffamaa jira.

Marichi caasaa damichaa ilaalchisuun bu’uuruma Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad dhaabbilee fi ogeessota sadarkaan jiraan waliin marii fi galtee akka ta’uuf kallattii  kaa’an irratti xiyyeeffachuunidha.

Mariin guyyaa har’aa kun magaala Finfinee qofaatti kan argaman dhaabbilee fi qaamolee damee informaashinii irratti bobba’an 210 filataman waliin ta’uu ibsameera.

Warren Finfinnee alatti bobba’anii jiran yaada isaanii karaa ergaa gabaabaa kan laatanii fi hanga Wiixataatti kan turu sararrii yaada ittiin laatan haaraan 6500 ifa ta’eera.

Maricharratti gaafiiwwan ka’aniif Hojii gaggeesituu Olaantuun Ityoo Teleekoom Firehiywat  Taamiruu deebii laataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.