Fana: At a Speed of Life!

Mariin dambii bulchiinsa Majiliisaarratti taasiifame milkiin xumurame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC) – Mariin dambii bulchiinsa Majiliisaarratti taasiifame waliigaltee waloorra ga’uun milkiin xumuramuu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa beeksise.

Marii dambii bulchiinsa Majiliisaarratti torbee tokkoof gaggeeffamaa ture ilaalchisee Preezdaantiin Mana marichaa Haajii Muftii Umar Indiriis ibsa laataniiru.

Marii kanarratti Ulaamawwan 23 hirmaachuu eeruun, dhimmicharratti marii bal’aa taasiisuun waliigaltee waloorra ga’amuu ibsaniiru.

Marichaan hojiilee yeroo itti aanaan raawwataman irratti kallattiin kaa’amuu himaniiru.

Dambicharratti bakka buutoonni Ulaamawwan naannolee fi Ulaamawwan Majiliisaa ala jiranis akka irratti mari’atan ni taasiifama jedhan.

Bakka buutoonni dargaggootaa fi dubartootas maricharratti akka hirmaatan kan taasiifamu ta’uu Preezdaantichi dubbataniiru.

Marichi Sooma Ramadaanaan booda akka gaggeeffamu irratti walii galamuu himaniiru.

Maricha hordofee koree filachiiftuu hundeessuun filannoon miseensota Majiliisaa ni gaggeeffama jedhan.

Kanaanis bakka buutoonni tokkummaa fi nageenyaaf hojjetan Majiliisa karaa nagaan akka fudhatan ni taasiifama jedhan Preezdaantiin Mana marichaa Haajii Umar Indiriis.

Hunda keenyaaf nageenyaa fi tokkummaatu wayya kan jedhan Preeezdaantichi, hawaasa Musiliimaa gidduu garaagarummaan akka hin jirre hubatamu qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.