Fana: At a Speed of Life!

Mariin daa’imman waraanaa fi walitti bu’iinsan Afrikaatti miidhamanirratti xiyyeeffatu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Mariin daa’imman waraanaa fi walitti bu’iinsan Afrikaatti miidhamanirratti xiyyeeffatu gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaa cinaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi preezdaantii Naayjeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii dabalatee bakka buutonni dhaabbile idil addunyaa garagaraa hirmaataniiru.

Afrikaatti si’a hokkarootni uumamanitti miidhaan mirga namoomaa olaanaan ni raawwatama.

Keessumattuu, daa’immanii fi dubartoota bakka tokkotti ajjeesuu, miidhaa koorniyaa, daddabrsa seeraan alaa fi miidhaan kanaan walfakkaatu ni raawwatama.

Lubbuu namaa darbuu fi qabeenya barbadaa’u, akkasumas qe’ee fi qabeenyarraa buqqa’uun sababoota olaanadha.

Gochaan raawwatus mirgaa fi nageenya daa’immanii fi dubartootatiin kan walitti bu’uu fi seerotarratti rakkoo kan uumudha jedhameera.

Preezdaant Saahilawarq Ityoophiyaan ajandaa 2063 milkeessuu keessatti ga’eeshee kan ba’attu ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.