Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyoota sadee dhimma Hidha Haaromsaarratti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Mariin dhimma Hidha Haaroomsa Guddichaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduutti gaggeeffamu guyyaa kaleessaa eegalameera.
 
Mariin sadee Hidha Haaromsaa Guddichaa ilaalchisee Ministiroota Dhimma Alaa fi Ministiroota Dhimma Bishaanii Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibtsi gidduutti qindeessummaa gamtaa Afrikaan guyyaa kaleessaa waaree booda eegalamuu Ministeerri Dhimma Alaa DFRI beeksiseera.
 
Mariin Ministiroota Dhimma Bishaanii qindeessummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamu kun cimee itti fufuun kallattii ni kaa’a jedhamee eeggama.
 
Walga’ii kanarratti taajjabdoonni Biiroo gamtaa Afrikaa, ogeeyyiin gamtaa Afrikaa, gamtaan Awrooppaa fi Ameerikaan hirmaachaa jiru jedhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.