Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa yaadota walfaalleessan walitti dhiyeessuuf ni gargaara – Proofeesar Baayyanaa Pheexiroos

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Mariin biyyaalessaa ni gaggeeffama jedhame eeggamu yaadota walfaalleessan walitti dhiyeessuuf ni gargaaraa jedhan Dura Taa’aan Paartii Sooshaal Diimookiraatawaa Ityoophiyaa Proofeesar Baayyanaa Pheexiroos.
Sababa garagaraan ummata gidduutti rakkooleen madda rakkoo yoommu ta’an ni mul’atu; yaadonni tokko tokkos kan walitti hin dhiyaanne ni fakkaatu jedhan Proofeessar Baayyanaa Pheexiroos.
Mariin taasifamu yaadota walfaalleessan walitti dhiyeessuun waligalteerra akka ga’amu taasisuuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Waltajjii fi marii taasifamuun hamma danda’amu yaada walitti dhiyaataan uumuuf marii magaaloota gurguddootti gaggeeffamurraa darbee hanga aanaattis ta’e gandaatti gadi bu’ee marii ummata bira gahee taasifamuu ta’uu qabas jedhaniiru.
Maddi:-DhPI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.