Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa rakkoolee Ityoophiyaa waaraan furuu kan dandeessisu ta’uu qaba- Hoggantoota Olaanoo

Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Mariin biyyaalessaa rakkoolee Ityoophiyaa waaraan furuu kan dandeessisu ta’uu akka qabu hoggantoonni Olaanoon mootummaa ibsan.

Pireezidaantonni naannoleefi hoggantoonni olaanoon karoora tarsiimawaafi hojiilee ijoo  komishinii marii biyyalessaa irratti guyyaa har’aa mari’ataniiru.

Adeemsi marii biyyaalessaa bu’aa qabeessa ta’ee rakkoolee sadarkaan jiran furuu akka danda’uuf hirmaannaan Ityoophiyaanota hundaa gahee olaanaa qabaachuu waltajjichaan ibsameera.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon, Komishinichi rakkoolee biyyattii ijoo ta’an furuuf abdii guddaan kan irra kaa’ame waan ta’eef ariitiin gara hojiitti galuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf, eenyummaa waloo ijaaruufi mootummaan biyyaalessaa fudhatamummaa qabu akka jiraatuuf mariin biyyaalessaa kun shoora olaanaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aarayaan, qooda fudhattoonni marii biyyaalessaa uummata Ityoophiyaa hunda ta’uu addeessaniiru.

Marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf Paartiin Biyya bulchu deeggarsa barbaachisaa ta’e hunda kan taasisu kan ibsan ammoo Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi.

Pireezidaantonni naannolees milkaa’ina marichaaf deeggarsa taasisuuf eeyyamamoo ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.