Fana: At a Speed of Life!

Mariin Biyyaalessaa rakkoolee hundagaleessaa waarinaan furuuf furtuu murteessaadha-Dooktar Saamu’eel Kiflee

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Mariin Biyyaalessaa rakkoolee hundagaleessaa waarinaan furuuf furtuu murteessaa ta’uu Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifleen dubbatan.

Mata duree “Waliigaltee fi marii biyyaalessaaf gumaacha Hayyootaa” jedhuun waltajjiin marii qopheessummaa Yuunivarsiistii Finfinnee fi Koomishinii Marii Biyyaalessaan gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Doktar Saamu’eel Kifleen akka jedhanitti, Itiyoophiyaan rakkoolee seenaa keessatti mudatan furaa dhuftullee yeroo ammaa dhimmoota walfalmisiisoo fi hintarkaanfachiisne mariin furuun kan eegamudha jedhan.

Kanaaf mariin biyyaalessaa hayyoota muraasa qofan utuu hintaane kutaalee hawaasaa hunda karaa hirmaachiseen gaggeeffamuun barbaachisaa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Adeemsa kanaan, keessumaa hirmaannaan hayyootaa fi tumsi isaanii olaanaa waan ta’eef gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Koomiishinarri Ittaantuu Koomishinii Marii Biyyaalessaa Hiruut Gabrasillaasee gama isaaniin, hayyoonni milkaa’ina marii biyyaalessaaf hirmaannaa fi walta’iinsa isaanii akka cimsan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.