Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa nagaa waaraa lammiilee mirkaneessuuf barbaachisaadha-Miseensota WBO

Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)- Mariin biyyaalessaa nagaa waaraa lammiileef fiduuf barbaachisaa ta’uu miseesonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessan himan.

Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo walii galtee nagaa mootummaa waliin mallatteessan waltajjii marii ajandaa walitti qabuu qooda fudhattoota naannoo Oromiyaarratti hirmaachaa jiru.

Qondaalli Waraana Bilisummaa Oromoo dhiyeenya mootummaa waliin waliigaltee nageenya mallatteessan Jaal Sanyii Nagaasaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, mariin biyyaalessaa kan barbaachiseef lammiileef nagaa waaraa fiduufi jedhan.

Nageenyi waaraan kan mirkanaa’us garaagarummaa jirurratti mari’achuu fi waan sabaaf ta’u irratti yoo waliigalleedha jedhaniiru.

Marichi guutuu kan ta’uu qooda fudhattoonni hundi gama hundaan yoo hirmaatan ta’uus kaasaniiru.

Garaagarummaa yaadaa bilisaan dhiyeessuun karaa dimokiraatawaa ta’een wal mormuu fi mariin gabbisuun yaadota lammiileef bu’aa qaban yoo dhiyaatan marichi milkaa’as jedhan Jaal Sanyii Nagaasaan.

Milkaa’ina marichaaf hunduu tumsuu akka qabus dhaamuu ragaankomisninii marii biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.