Fana: At a Speed of Life!

Mariin Biyyaalessaa hunda hirmaachisuun akka gaggeeffamu tattaaffiin taasifamaa jira-Pirof. Masfiin Ar’ayaa

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Mariin Biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda walqixa haala hirmaachiseen akka gaggeeffamuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Komishiniin Mariin Biyyaalessaa beeksise.

Komishinichi Federeeshinii Waldaalee Qaamaa Miidhamtootaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun waltajjii marii hirmaannaa qaama midhamtoonni marii biyyalessaa keessatti qaban cimsuuf kaayyeffate gaggeesseera.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishinichaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda haala walqixa hirmaachiseen akka gaggeeffamuuf tattaaffiin taasifamaa jira.

Kanaafis komishinichi Federeeshinii Waldaalee Qaama Miidhamtoota Itiyoophiyaa waliin waltajjicha qopheessuu yaadachiisanii, wantoota qaama miidhamtummaaf nama saaxilan keessaa nageenyi boora’uu fi waraanni irra deddeebiin ka’uu himaniiru.

Nageenyi biyyaalessaa mirkanaa’uunis faayidaa damee hedduu akka qabu eeraniiru.

Daayrektarri Olaanaa Federsshinii Waldaalee Qaama Miidhamtoota Itiyoophiyaa Obbo Abbaayinee Gujoo gama isaaniin, qaama miidhamtoonni marii biyyaalesssaa keessatti akka hirmaataniif hojiin dadammaqsuu hojjetamaa jirachuu ibsan.

Furmaata waaraa marii biyyaalessaan dhufu keessatti qaama miidhamtoonni daran fayyadamtoota akka ta’an ibsuus Tajaajilli Oduu Itiyoophyaa gabaaseera.

Qaama miidhamtoonni maricharratti dammaqinaan hirmaachuun yaada jijjiiramaa maddisiisuu keessatti gumaacha taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.